BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
KALLATTIIN, Michoonni waliin Hormuuz tiksuu baannaan egereen NATO ‘baayyee fokkisaa’ akka ta'u Tiraamp akeekkachiise
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp fi Ministirri Muummee UK Kiiri Istaarmer dhimma Ulaa Hormuuz irratti wayita marii taasisanitti, Israa'el ammallee Iraan keessatti bakkeewwan kumaan lakkaa'aman irratti xiyyeeffadhee haleelu qaba jechuun dubbatte.
Isin hin darbiin
MM Abiy boba'aan qusannaan akka fayidaarra oolu hubachiisan
MM Abiy fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ergaa dabarsaniin, sababa waraana Baha Giddugaleessaatti dhalatee torban sadaffaa seene kanaan dhiyeessiin boba'aa waan gufateef qusannaan wantota bu'uuraa barbaachisoo ta'aniif fayyadamuun akka irra jiraatu himan.
Netaaniyaahun erga miidiyaan Iraan ajjeefaman jedhee booda deebii kennan
Tibbana miidiyaa hawaasummaa gubbaa keessumaa waraana Giddugala Bahaatti adeemaa jiruun wal qabatee waan danuutu adeemaa jira.
Kaampaanii Geejjiba Qindaa'aa Odaa maaltu mudate?
Tajaajila Geejjibaa, raabsaa boba'aa fi dibata dhiyeessuun gabaa aksiyoonaa kan seene Waldaan Aksiyoona Geejjiba Qindaa'aa Odaan amma daddaaqaa jira.
Gatiin geejjibaa magaalaa Finfinnee birrii shanii hanga 20'tti dabale
Gatiin geejjiba ummataa magaalaa Finfinnee birrii shanii hanaga birrii 20tti akka dabale ibsame.
Israa'el Huutii adamsuuf Galaana Diimaa irratti buufata waraanaa ijaaraa jirtii?
Somaaliland Israa'el irraa beekamtii biyyummaa ishee argachuu hordofee Israa'el buufata waraanaa naannawa Galaanaa Diimatti akka ijaartuuf Somaalilaandi haala mijeessuuf wali galtee kan jedhu haalti.
Arsenaal itti mudde, Siitiin si'achi balaa itti ta'u danda'aa?
Osoo taphoonni liigii saddeet hafanii morkiin Maanchistar Siitiin waancaa liigichaaf taasisu xumurameera jechuu hin dandeenyu.
Waraanni Iraan deeggartoota paartii Rippaablikaanaa akkamiin gargar qoode?
''Kuni waraana Israa'el dha. Kuni waraana Ameerikaa miti.'' Ameerikaa fi Israa'el haleellaa Iraan jalqabuun guyyaa lama booda ture viidiyoon mata duree armaan olitti eerme qabu kan maxxanfame. Al miiliyoona lamaa ol ilaalameera. Tahus viidiyoon kana roogeeyyii Tiraamp qeeqanii miti kan maxxanse.
Yeroo ajjeechaan jumlaa warra Yihudota irratti raawwate, Araboota lubbuu baraaraa turan, garuu hin leellifamne
Wiirtuun ajjeechaa Jumlaa warra Juwish irratti raawwate yaadachuuf hundaa'e yeroo ajjeechaan suni raawwatamaa turetti namoota kuma 28 ta'an kanneen Juwiishota hin taane, garuu lubbuu ofii balaarra buusanii isaan baraaraa turan yaadateera.
Lola adeemaa jiruun baasiin waraanaa Ameerikaa hangam qaaliidha?
Guyyoota jalqabaa jaha waraanichi gaggeeffame keessatti qofa baasiin waraanaa US yoo xiqqaate $11.3 (biliyoona) ni ta'a. Baasii US maaltu qaalesse?
Tiraamp haleellaa Iraan hordofee UK fi biyyoonni biroo Ulaa Hoormuz eeguuf doonii akka erganiif gaafate
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haleellaa Iraan booda UK fi biyyoonni biroo dooniiwwan erguun nageenya Ulaa Hormuuz eeguuf akka gargaaran gaafate.
Sooressoota Afrikaa kurnan: Aliikoo Daangotee bara 2026ttis dursa qabatee jira
Lammii Naajeeriyaa kan ta'eefi Itoophiyaa keessatti investimentiiwwan gurguddoo akka warshaa siminitoofi xaa'oorratti kan bobba'e Aliikoo Daangotee qabeenya callaa dolaara biliyoona 28.5 horachuun Afrikaa irratti tokkoffaa qabateera.
'Namni hundi wal qixa guyyaatti sa'aatii 24 hin qabu' - Gargaartuu dhuunfaa sooressaa
"Namni hunduu guyyaatti walqixa sa'aatii 24 qaba kan jedhamu beektaa? Inni soba, jetti Jooliyaanaan, shamarreen- waggaa 31 Saa'opooloo, Biraaziil jiraattu.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, MM Abiy waraana Iraan gidduutti gara UAE maaliif imalan?
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad osoo Giddugala Bahaatti waraanni hammaatee itti fufee jirutti UAE daawwataniiru.
Viidiyoo, Shahed 136 - Diroonii Iraan 'balaafamaa' US fi Raashiyaan fakkeessan
Dirooniin Iraan akka rasaasaa dhuka’u Giddugala Baharraa darbee Ameerikaa yaaddessaa jira.
Viidiyoo, Meeshaaleen waraanaa US Iraan ittiin haleelaa jirtu maal fa’i?
Waraana Giddugala Bahaatti adeemaa jiruun Ameerikaan meeshaalee jajjaboo dhukaasaa jirti.
Viidiyoo, Israa'el akkuma kakatte hogganaa haaraa Iraan ni galaafattii?
Ilmi abbaa isaa duubaan waggoota kurnaniif hojjechaa ture ejjennoo abbaasaa tarkaanfachiisuuf aangoo abbaasaa qabate.
Viidiyoo, Kaffaltiin dhiirotaafi dubartootaa maaliif wal caala?
Dubartoonniifi dhiironni hojii wal fakkaataa osoo hojjetanii maaliif kaffaltiin isaanii gargar ta'e?
Viidiyoo, Mootummaan Itoophiyaa , TPLF fi Ertiraan yoo lola seenan maaltu mudata?
MM Abiy Ahimad hooggansi TPLF ''qophii waraanaa bal'aa'', ''bittaa meeshaa'' fi ''duula waraanaa gochaa jira'' jechuun himatan.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Biyyoonni diroonii Iraan qolachuun maaliif qormaata itti ta'e
Tiraamp gaafa jalqabaa US haleellaa qilleensaa Iraan irratti raawwatte misaa'elonni Iraaniifi indastiriin misaa'elii biyyattii ''guutummaan guututti'' barbadaa'a jedhanii turan - garuu waa'ee diroonota Iraan maqaa hin dhoofne.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
US Faannoo shororkeessummaatti ramaddee, miseensa garichaa ariite
Waajirri dhimma Raawwachiisa Immigireeshiniifi Gumurukaa Ameerikaa ICE) lammii Itoophiyaa ''miseensa garee Faannoo ta'uu isaa ifatti ibsateerudha'' jedhe biyyaa ari'e.
Aanaaleen Oromiyaa ergaan akeekkachiisa balaa kennameef isaan kami?
Sigigaa lafaa: Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa kutaalee biyyattii balaa sigigaa lafaaf saaxilamuu danda'u jedhe ilaalchisee akeekkachiisa dursaa dabarseera.
Dhimmi MM Abiy Ministira Dhimma Alaa US Ruubiyoo waliin mari'atan maali?
Itoophiyaafi Yunaayitid Isteet karaatti Gaanfa Afrikaatti ''nageenya waaraa'' buusuuf bu'uura kaa'un danda'amurratti mari'atan.
Hawaasni fi dhaabbileen boba'aa ''qusannaa guddaadhaan'' haa fayyadaman jedhame
Ministirri Maallaqaa Ahmed Shide, jeequmsi dhiyeessii boba'aa waraana Ameerikaa- Israa'elfi Iraan gidduutti gaggeeffamu hanga yoomitti akka turu waan hin beekamneef, hawaasni fi dhaabbileen boba'aa ''qusannaa guddaadhaan'' akka fayyadaman dhaaman.
Hogganaa Olaanaa Iraan: Waraana, aangoofi qabsoo itti aanu
Filannoon higganaan olaanaa haaraa Iraan - ilma Ayaatolaa Ali Kaamenii - waan ture itti fufuu isaa ibsuuf kan akeekamedha.
Qonnaan bultonniifi daldaltoonni Itoophiyaa buna qaban dafanii gabaaf akka dhiyeessan gaafataman, maaliif?
Gatii bunni gabaa addunyaa irratti qabaatu kan murteessu gabaa bunaa Niiwu Yoorkitti gatiin bunaa sadarkaa olaanaadhaan gadi bu'uun gabaafamaa jira.
'Miseensonni WBO dubartoota gabroomfataa, gareenis gudeedaniiru' - Amnastii Intarnaashinaal
Dhaabbanii idil-addunyaa mirgoota namoomaaf falmu Amnastii Intarnaashinaal, miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dubartootafi ijoollee dubaraarratti "garbummaa saalaa", akkasumas "gudeeddii garee" dabalatee miidhaawwan saalaa garagaraa raawwataniiru jedhe.
WBO'n gabaasa Aministii 'qorannoo kufaa, agarsiistuu loogiiti' jechuun fudhatama dhabsiise
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n gabaasa qorannoo Aministii Internaashinaal "dubartootaafi shamarran 'garbummaa saalaan qabachuu', miidhaawwan saalaa garagaraa irratti raawwataniiru jechuun isa himate, 'qorannoo kufaafi agarsiistuu loogii ta'uu isaa himuun, miidhaa jiruuf fala fiduu caalaa rakkoo jiru daran hammeessa' jechuun fudhatama dhabsiise.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waraana Baha Giddugalaatti adeemaa jiruun hangam miidhame?
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waraanni US - Israa'el fi Iraan gidduu adeemaa jiru ''baay'ee baay'ee nu hubaa jira'' jechuun BBC'tti dubbate.
Ispoortii
'Evertan Arsenaalitti cimuunsaa hin oolu': Tilmaama taphoota Piriimer Liigii
Xiixalaan kubbaan miillaa BBC Kiriis Suutan taphoota Piriimer Liigii Ingilaand Sambataa hanga Wiixataatti taphataman kurnan tilmaameera.
Morkii kilaboota Ingilaand gufachiise, olaantummaa Arsenaal kilaboota Jarmanii irratti qabu obbaase
Kilaboonni ja'anuu gara saddeetiitti makamuu ilaalchisee tilmaamni Opta dhaan kenname, kan tapha dorgommii kilaboota 16 gidduutti gaggeeffamu dura kennamee tureerraa hir'ateera.
Kaardii diimaa 23: Tapha kubbaa miilaamoo lola jechisiise
Kubbaa miilaa keessa kaardiin diimaa tokkoon isaayyuu xiqqoo miti - haala taphaa, miiraafi morkiitti ibiddas, bishaanis naquu mala.
Dorgommii waancaawwan afurii: Morkii Arsenaliifi Siitii
Kilaboonni Ingilaand lama waancaawwan afuriif morkachaa ji'a Bitootessaa yeroo gahan kun kan jalqabaati. Waancaa Piriimiyeer Liigii, FA, Carabaawoofi Shaampiyoonsi Liigiif morkatu.
Cooma tiruu lubbuu baayyee galaafataa jiru akkamitti ofirraa ittisna?
Dhibeen cooma tiruu ykn fatty liver jedhamu dhibee mallattoo yeroo dheeraaf otoo hin agarsiisiin lubbuu namaa galaafatan keessaa tokko.
Koornaa dabalatee kubbaan bakka dhaabbaterraa dhiitamu akkamiin akka Piriimer Liigii jijjiiraa jiru
Arsenaal kubbaa bakka dhaabbatee dhiituun goolii 14 lakkoofsisuun dursaa jira. Kun ammoo Piriimer Liigii keessatti yeroo kamirrayyu caalaa isa olaanaadha. Gama kaaniin Maanchester Siitiin kubbaa bakka dhaabatee dhiitamurraa goolii tokko qofa lakkoofsisuun bara kana Piriimer Liigii keessatti isa dhumaadha.
Morkii Arsenaal-Cheelsiifi taphoota Piriimerliigii eegaman
Dorgommiin Piriimerliigii torban 28ffaa har'aa hanga Jimaatatti gaggeeffame. Falmiin darbii Landan Dilbata Arsenaalifi Cheelsii gidduutti taasifamu imala taphoota imala waancaa murteessan keessaa ijoodha.
Shaampiyoons Liigii kilaboonni Ingiliiz dhuunfataniifi Riyaal Maadiriid mo'achuu isaa 'olaantummaa jibba sanyiiraatti' argate fakkeesse
Taphni dhumaa kaleessa kan gaggeeffame yoo ta'u, kilaboonni saddeet taphatanii afur darbuu yoo mirkaneeffatan, arfansaanii mo'amanii galaniiru.
Morkii Barnaboo gaaddidduu himannaa jibba sanyummaa jalatti Moriinoo malee gaggeeffamu
Taphataan Arjentiinaa fi Benfikaa Giyaanluukaa Piristiyaanii erga jifataa Riyaal Maadiriid jibba sanyummaan himatee booda tapha marroo lammataa irratti akka hin hirmaanne murtaa'eera.
Viktor Giyookeresh osoo qeeqamuu Arsenaaliin dhiphina keessaa baase
Arsenaal Kaaba Landanitti muddama ofirraa hir'iseera. Darbii Kaaba Landaniin Tootanhaamiin goolii 4 fi 1n injifatee morkii waancaa Piriimer Liigii cimsateera.
Piriimer Liigii: Arsenaal garee dirree Tootenhaam deemee 4 fi 1'n mo'ate
Morkiin Piriimer Liigii taphoonni 10 hanga 11 yeroo hafaa jirutti waancaan argachuu, 1-4 keessa galuun carraa hirmaannaa Shaampiyoons Liigii mirkaneeffachuufi Piriimer Liigii keessaa kufuurraa ooluuf taasifamu akkaan qalbii rarraasuun itti fufeera.
Siitiin Arsenaal irratti dhiibbaa yoo cimsu Arteettaan 'kan dhiibbaa hin dandamanne gara kilaba biraa' jedhe
Maanchistar Siitiin Itihaad irratti Niwukasiliin 2 fi 1n injifachuun morkii waancaa cimsateera. Kun dursaa liigichaa kan ta'e Arsenaal irratti dhiibbaa cimseera.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.































































![Sr. Aster Ayyaanaa [bitaa gara mirgaatti sadaffaa irra kan jirtu]1960 UN jalatti nagaa kabchiisuuf Koongootti yeroo ergamte.](proxy.php?url=https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/240/cpsprodpb/a04f/live/036f7ab0-6326-11f0-af20-030418be2ca5.jpg.webp)






























